Fana: At a Speed of Life!

Proofeesar Masfin dhalatanii umrii isaanii waggaa 91ffatati boqatan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC)- Preezdaant Saahilawarq Zawdee, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnanii fi preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan boqachuu Proofeesar Masfin Waldamaariyaamin gadda itti dhaga’ame ibsan.
Ibsa gaddaa isaanitiin Proofeesar Masfin, abbaa beekumsa guddaa, qabsoo karaa nagaa qofatti nama amanan, falmaa mirga dhala namaa fi waan itti amamanitti kutannoodhaan wareegama kamiyyuu kaffaluun dhaloota haaraaf fakkeenya nama ta’anidha jedhaniiru.
Dinqisiifattoota, maatii fi firoottan isaanitiif jajjabina hawwaniiru.
Proofeesar Masfin dhalatanii umrii isaanii waggaa 91ffatati boqataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.