Fana: At a Speed of Life!

Proojaktoota ijaarsi isaanii harkifate xumursiisuuf Birriin miiliyoonni 500 ramadameera

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Proojaktoota ijaarsisaanii harkifate xumursiisuuf Birriin miiliyoonni 500 ramadameera.

Sadarkaa itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti hogganaan seektara misooma baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee, proojaktoota daandii cirrachaa Yaayyoo Elemoo, Godina Iluu Abbaaboor aanaa Doorannii daawwataniiru.

Proojaktoota kanneen keessaa daandii cirrachaa baadiyyaa Yaayyoo Elemoof Biirrin miiliyoonni 100 ramadameera jedhan Dooktar Girmaan.

Naannoo Oromiyaa keessaa proojaktoonni ijaarsi isaanii waggoota torbaaf harkifatan 6 jiraachuu Dooktar Girmaan dubbataniiru.

Bara kana komii hawaasaa furuuf daandiiwwan caccaban suphuu fi proojaktoota ijaarsi isaanii harkifaman xumuruuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.