Fana: At a Speed of Life!

Proojektoota Misoomaa eegalaman xummuruuf xiyyeeffannoon ni hojjetama – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (FBC) – Proojektoota Misoomaa eegalaman xummuruuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Itti aanaan Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad ibsaniiru.
 
Obbo Musxaafeen Proojektoota misoomaa gurguddoo hojjetamaa jiran gamaaggamaniiru.
 
Filannoon Baatii kana keessa gaggeeffamu osoo hin ga’in dura haala Proojektoonni Misoomaa irra jiran ilaaluuf waltajjii gaggeeffame ta’uu dubbataniiru.
 
Gabaasni Raawwii hojii Proojektootaa dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffamuu ibsameera.
 
Hanqinoonni fi ciminoonni raawwii Proojektootaarratti muul’atan sirnaan adda ba’uu akka qaban obbo Musxafeen kallattii kaa’uu isaanii ragaan Miidiyaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.