Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsi gatii nyaataa xiyyeeffannaa yoo hinarganne yaaddoo ta’ee itti fufa jedhame

Finfinnee, Amajjii 17, 2015 (FBC)- Qaala’iinsi gatii nyaataa Ityoophiyatti mul’atu xiyyeeffaanaa yoo hinargannee fi tarkaanfiin hinfudhatamne yaaddoo ta’ee akka itti fufu eerame.

Inistitiyuutiin qorannoo imaammataa ka’umsaa qaala’iinsaa gatii nyaataa fi kaalltti fuuldureerrattii waltajjii marii qorannoo gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti qo’annoon Giddugalli Misoomaa Baadiyyaa fi Qonna Ammayyeesuu Inistitiyuutichaa qopheesse dhiyaateera.

Daayrektarrii Inistitiyuutichaa Pirofeesar Bayyaanaa Pheexiroos barana filmaatawwaan imaammataa mootummaaf qorannoowwan 50 gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Qo’annichaan naannawaa hanqina nyaataa qabanitti qorannoon gadi fageenyaan gaggeeffamuu fi haala gatii waggoottan 10’n darban Tajaajila Istaatisistikii Giddugaleessaarraa fudhachuun galtee qo’annichaaf fayyadamuu kaasaniiru.

Akaakuwwan nyaataa ijoo ta’an gatii isaanii yeroo amma kan hammachiifame yoo ta’u, qaala’iinsi gatii nyaataa Ityoophiyaatti mul’atu xiyyeeffannaa gahaa yoo hinargannee fi tarkaanfiin hinfudhatamne yaaddoo ta’ee akka itti fufu Pirofeesar Bayyaanaan ibsaniiru.

Qo’annichi qaala’iinsa gatiif sababootaa afur kan tarreesse yoo ta’u, isaanis, dhiyeessii fi fedhiin walmadaaluu dhabuu, baasiin hojii oomishaa qaala’uu, baasiiwwan mootummaa fi maallaqni ba’u guddina diinagdee qabatamaa waliin walmadaaluu dhabuu fi sirni gabaa walmadaaluu dhabuu ta’uun eerameera.

Rakkolee kanneen talamaama keessa galchuun kallttiiwwan furmaataa fuuldurattiimootummaan fudhachuu qabu kaa’eera.

Yeroo gabaabaa keessatti lammiilee galii gadaanaa qaban baraaruuf meeshaalee nyaataa bu’uura ta’an alaa galchuun dhiyeessii fooyyessuu fi deeggarsa walitti fufiinsa qabu taasisuu akka furmaata yeroo gabaabaatti kan akeekameedha.

Bulchiinsaa fi raabsamni maallaqa diinagdee keessaa, guddina diinagdee qabatamaa waliin akka walsimu taasisuun furmaata biroo ta’uu eerameera.

Oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultoota sadarkaa gadaanaa dabaluu fi invastimantiiwwan qonnaarratti xiyyeeffachuun hojjechuun tarkaanfii imaammataa yeroo dheeraa ta’uu akeekeera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.