Fana: At a Speed of Life!

Qooda fudhattoota fuuncaa Sona bunaarratti bobba’aan tumsuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015 (FBC)- Ministeerri Qonnaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Misoomaa Indaastirii (UNIDO) qaamolee fuuncaa sonaa bunaarratti bobba’an tumsuuf waliigaltee walta’iinsa mallatteessaniiru.

Waliigaltechas Ministira Qonnaa Obbo Umar Huseen fi Ityoophyaatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektara Dhaabbata Misoomaa Indaastirii Awuraliyaa Paatiriziyaa Kaalaabiroo mallatteessaniiru.

Obbo Umar, hanqinni faayinaansii hudhaa alergitoota, dhiyeessitootaa fi oomishtoota bunaa ta’uu ibsanii, waliigalteen walta’iinsaa fi teekinikaa mallatteeffame kunis hanqina jiru akka furu eeraniiru.

Awuraliyaa Paatiriziyaa Kaalaabiroo gama isaaniin, qaamolee invastimantii bunaarratti bobba’an deeggaruuf waliigaltechi kan tumsuudha jedhan.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Ityoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaa pirojektichi soda inavstimantii damee bunaa kan hir’isuu yoo ta’u, baay’ina, qulqullinaa fi gatii bunaa fooyyessuuf dhiyeessii liqii dhala gadaanaa waliingahuuf gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Pirojektichi oomishtoota dhiyeessitota fi alergitoota bunaa kan tumsuu fi pirojektichis mootummaa Xaaliyaaniirraa deeggarsa Yuuroo miiliyoona 10 argameen kan gaggeeffamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.