Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen qajeelfama weerara Covid -19 ittisuuf ba’e cabsan adabbii hidhaa waggaa sadiin adabamu – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Bitootessa 18, 2013 (FBC) – Qaamoleen qajeelfama weerara Covid -19 ittisuuf ba’e cabsan adabbii hidhaa waggaa sadiin adabamu jedhame.

Ministeerri Fayyaa fi Abbaan Alangaa Federaalaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf sosochii namootaa fi hawaasummaa ilaalchisee dhorkamaa fi qajeelfama yakkaan nama gaaffachiisu ifoomsaniiru.

Qaamoleen Qajeelfamicha darban adabbii hidhaa hanga waggaa sadii ga’uu fi adabbiiwwan biroon adabamuu akka danda’an Abbaan Alangaa waliigalaa beeksiseera.

Akkaataa qajeelfamichaan namni vaayrasichi irratti argamu kamiiyyuu gara biyya keessaa akka hin galle dhorkameera..

Namni dhuunfaan vaayrasichaan qabame kamiiyyuu gara hawaasatti akka hin makamnee, dirqama ta’ee argamnaan of eeggannoo barbaachisuu taasiisuu akka qabu, tuttuqaa vaayrasicha dabarsuu danda’u taasiisee argamnaan seeraan kan gaafatamu ta’a jedhame.

Iddoo kamittuu hagguuggii fuulaa malee socho’uun dhorkaa yoo ta’uu, dhaabbileen tajaajila laatanii fi dhaabbileen daldalaa qaama haguuggii fuulaa hin godhanneef tajaajila akka hin laanne qajeelfamichi kan dhorku ta’uu Ministeerri Fayyaa fi Abbaan Alangaa Federaalaa ibsa waloo har’a laataniin ifoomsaniiru.

Sosochii Geejjibaa, Ispoortii fi walga’iin hawaasummaa fi kanneen biroo dambii dhaabbileen dhimmichi isaan ilaallatu baasaniin hojiirra oola jedhame

Waltajjiin kamiiyyuu qaamni walitti qabu haalduree weeraricha ittisuuf barbaachisaan guutuun iddoo tokkotti lakkoofsa hirmaattoota 50 hin caalleen akka ta’u murtaa’eera..

Haalli dirqisiisaan muuddannaan Ministeera Nageenyaa fi Fayyaa akka beeksiisan qajeelfamichi kaa’eera.

Qajeelfamichi Wiixata dhufuu eegalee hojiirra kan oolu ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.