Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen siyaasaa injifannoo Adwarraa barumsa fudhachuu qabu jedhame

Finfinnee,Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Qaamoleen siyaasaa injifannoo Adwarraa barumsa fudhachuu akka qaban hoggantoonni paartilee siyaasaa hubachiisaan.
Wareegama abbootiin tokkummaa biyyaaf kaffalanirraa qaamoleen siyaasaa barachuu akka qaban dura taa’aan Paartii Diimokiraatawaa Tigraay Dooktar Aragaawwii Barihee fi itti gaafatamaan hariiroo ummataa Paartii Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa Maggaabii Biluuy Abrahaam turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.
Ityoophiyaanoonni garaagarummaa cinaatti dhiisuun tokkummaan waraanaa Xaaliyaanii akka qolatan, ammas qaamoleen siyaasaa hojmaata dhalootatti darbu danda’u hojjechuu qabu jedhan.
Yaadota qoodinsa uumaan caalaa yaadoota tokkummaa fidan maddisiisuun biyya cimaa ijaaruuf muul’ata biyyaalessaan socho’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Ashaaraa ummattoota Ityoophiyaa hundaa fi fakkeenya tokkummaa cimaa kan ta’e injifannoo Adwaa siyaasa biyyattii hanga ammatti tasgabbaa’uu dadhabe sarara qabsiisuuf itti fayyadamuu qabna jechuun ibsaniiru.
Biyya abbootii fi haadholiin wareegama olaanaan ijaaran har’a garaagartee muraasaaf jecha reeqqisiisuun sirrii akka hin taane kaasaniiru.
Awwal Abarraatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.