Fana: At a Speed of Life!

Qabiinsa qabiyyee lafaa ammayyeessuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Qabiinsa Qabiyyee lafaa ammayyassuuf hojjetamaa jiraachuu himame.
 
Baankiin lafaa fi Koorporeeshiniin misoomaa, Instiityuutii infoormeeshinii Ji’oo ispeeshaalii Ityoophiyaa waliin ta’uun qabiinsa qabiyyee lafa federaalaa ammayyeessuuf hojjetaa jiraachuu ibsameera.
 
Dhaabbilee 311f kaartaan ragaa qindaa’e qophaa’uu ibsameera.
 
lafti misooma barbaaddamuuf akka oolu sirna qabiinsa ragaa ammayyeessuun barbaachisaa ta’uu daayreektarri olaantuun Baankii lafaa fi Koorporeeshiniin misooma Ityoophiyaa aadde Leensaa Makkoonniin dubbataniiru.
 
Koorporeeshinichi dhaabbileen mootummaa Federaalaa ragaa qabiyyee lafaa guyyaa tokkotti walitti qabuun murtee dabarsuu haala danda’aniin qopheessaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Ragicha qindeessuun qorannoo bu’aa qabeessummaa taasisuu fi xinxaaluun lafa misoomsuu fi faayidaa diinagdee isaa guddisuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Dhaabbileen kunneen ragaa lafaa qindaassuu, qorannoo bu’aa qabeessummaa taasisuu fi misooma irra oolchuu isaanii mirkaneessuun kallattii tarsiimoo Koorporeeshinichaa ta’uu ibsaniiru.
 
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.