Fana: At a Speed of Life!

Qabsoo hadhaa’aa gaggeessinee injifannoo boonsaa ni dhandhamanna -MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2014 (FBC) – Qabsoo hadhaa’aa gaggeessinee injifannoo boonsaa ni dhandhamanna jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT olola sobaan humna walitti qabeen kallatti 4 waraana banuun hojii biyya diiguu itti fufuu ibsaniiru.

Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenyaa qindoominaan waraana Ityoophiyaarratti baname qolachuuf adda hundaan hiriiruu eeraniiru.

Tattaaffii diinni humna qabu hundaan haleellaa raawwachuuf taasiisu, Raayyaan Ittisaa humna lafaa fi qilleensarraan deeggaramuun akka deebi’ee hin kaaneetti cabsaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Gareen kun tibbana humna hin jirre adda Wallootti fiduu himaniiru.

Humni diinaa Adda Walloon injifannoof si’oomee dhufe tarkaanfii raayyaan ittisaa fudhateen humni lakkoofsaan hedduu ta’e barbadaa’uu kaasaniiru.

Raayyaan Ittisaa kallattii hundaan wareegama kaffaluun qabsaa’aa jiraachuu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.