Fana: At a Speed of Life!

Qeellem Wallaggaatti duula gaggeeffameen hidhattoonni shanee barbadeeffaman

Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Godina Qeellem Wallaggaa aanaalee fi gandoota garaagaraatti duula gaggeeffameen miseensonni garee shororkeessaa shanee barbadeeffamuun ibsame.

Ajajaan kutaa waranaa naannawichaa akka ibsanitti, garee shororkeessaa shaneerratti tarkaanfii fudhatameen hidhattoonni garechaa hedduun kan barbadeeffaman yoo ta’u, hoggantoota dabalatee hidhattoonni shan ammoo booji’amaniiru.

Akkasumas meeshaalee garechi itti fayyadamaa ture hidhannoo guutuu 5, rasaasaa kilaashii 310, boombii imimmaansu 2, kuusaa rasaasaa 15 fi meeshaleen loltummaa garaagaraa booji’amuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Duulli garecharratti gageeffamus cimee itti fufuun eerameera.

Haaluma walfakkaatuun, Godina Wallaggaa Lixaatti ummannii fi mootummaan qindoominaan hojjechuun garee shororkeessaa shanee balleessuuf tattaffii taasifamuu bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu Godinichatti Ajaja Olaanaan Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Kabbadaa Galaawu ibsan.

Birgaader Jeneraala Kabbadaa Galaawu, baatii darbe humni nageenyaa fi ummanni qindoominaan hojjechuun aanaalee godinichaa garaagaraatti qabeenyi ummataa garechaan saamaman deebifamuu ibsaniiru.

Godinicha Aanaa Gimbii naannawaa Soggee, Boojjii Coqorsaa fi naannawaa Gimbiitti horii gaanfaa 105 fi hoolota 10 akkasumas boqqolloo kuntaala kuma tokko garechaan samamee deebifameera jedhan.

Jiraatonni godinichaa yeroo ammaa yaaddoo tokko malee bakkaa bakkatti socho’uun hojii idilee isaanii gaggeeffataa jiraachuu ibsaniiru.

Tarkaanfii Raayyaan Ittisaa garecharratti fudhataa jiru jajjabeessaa ta’uu jiraattonni godinicha ibsaniiru jechuun Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.