Fana: At a Speed of Life!

Qindoomina Hoggantoota Dubartoota Afrikaatti Kokasiin Dargagootaa Damee Ityoophiyaa ifoome

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Qindoomina Hoggantoota Dubartootaa Afrikaatti Kokasiin Dargaggoota Dubartootaa Damee Ityoophiyaa ifoomeera.

Saganticharratti, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee, Ergamtuu Addaa Dubartootaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa Beeniitaa Diyooppii, Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ayerlaandi Nikoolaa Bireenen akkasumas, Walitti Qabduun Kokasii Dargaggoota Dubartootaa Qindoomina Hoggantootaa Dubartoota Afriikaa Dooktar Johaanoo Beewaa argamaniiru.

Dooktar Ergoggee Tasfaayee waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, ajandaa nageenyaa fi tikaarratti dargaggoonni dubartootaa gahee adda durmmaa isaanii cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Kokasiin Dargagoota Dubartootaa Damee Ityoophiyaa ifoomes, dargaggoota filataman sadarkaa Afrikaatti sagalee isaanii akka dhageessisaniif qindoominni hoggansa dubartoota Afrikaa gumaachaa olaanaa qabaata jedhaniiru.

Keessumaa hooggantooni dubartootaa, misoomaa ardichaa, hoggansaa fi murteessummaa, nageenyaa fi tika, akkasumas deeggarsa namoomaatiin gahee fi hirmaannaa qaban guddisuun kaayyoo kokasichaa ta’uu ibsaniiru.

Qindoominni hoggansa dubartoota Afrikaa fi kokasiin dargaggootaa biyyootaa gargaraatti damee kan qabu yoo ta’u, hoggansi dubartootaa Afriikaa Ityoophiyaatti bara faranjootaa 2019 ifoomuun hojiirra turuu himameera.

Guyya har’aas kokaasiin Dargaggootaa Dubartootaa Ityoophiyaa bakka bu’anii ifatti hundeeffamuu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.