Fana: At a Speed of Life!

Qindoominni Humnoota Federaalistii Ityoophiyaa, Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii fi Gamtaa Demokraasummaa Ityoophiyaa miseensummaarraa haquu beeksise

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Qindoominni Humnoota Federaalistii Ityoophiyaa, Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii fi Gamtaa Demokraasummaa Ityoophiyaa miseensummaarraa haquu beeksise.
 
Jaarmiyooleen siyaasaa lamaan ittiin bulmaatan ala ba’uun nu rakkisaniiru jedheera qindoominichi.
 
Qindoominichi har’a yaa’ii waliigalaa 4ffaasaa Finfinneetti gaggeesera.
 
Walitti qabaan qindoominichaa obbo Tolosaa Tasfaayeen Addi Bilisummaa Ummata Tigraay miseensota adda qoqqooduu, biyya jeequuf dhiibbaa uumaa tureera jedhan.
 
Addichi walga’ii fi yaa’iin qindoominichaa Maqalee qofatti akka gaggeeffamu barbaada, walga’iirrattis argamaa hin jiru jedhan.
 
Dura taa’aan qindoominichaa obbo Darajjee Baqqalaan ammoo Addi Bilisummaa Ummata Tigraayii fi Gamtaan Demokraasummaa Ityoophiyaa seeraan ala socho’aa waan turaniif ittifamaniiru jedhan.
 
Qindoominni kun paartilee 24 kan hammate yammuu ta’u, yaa’icharratti 22 argamaniiru jedhameera.
 
Paartileen biroo 5 qindoominichatti dabalamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.