Fana: At a Speed of Life!

Qondaaltonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa Naannolee garaagaraatti hojiilee misoomaa daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Qondaaltonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa Naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwataniiru.

Haaluma kanaan, Jilli Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun durfamu Magaalaa Dasseetti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwateera.

Akkasumas, jilli Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannwaa Gabiramasqal Caalaan durfamu Naannoo Gaambeellaa Aanaa Aboobootti hojiilee misooma qabeenyaa umamaa gaggeeffame daawwataniiru.

Misooma qonnaa naannichaa ammayyessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiileen misooma sululaa cimee itti fufu akka qabu hubachiisaniiru.

Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Adde Mufaariyaat Kaamiil hojiilee misoomaa naannawaa Magaalaa Dirree Dhawaa daawwataniiru.

Kadiir Mahaammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.