Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoota adda duree, waldaalee fi yuuniyeenotaaf liqiin Birrii biiliyoonni 4 kennamuufi jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) –Baankiin Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Distiriktii Jimmaa  qonnaan bultoota adda duree, waldaalee fi yuuniyenotaaf birrii billiyoona 4 ol liqaan ni kenna jedhameera.

Baankichi qonnaan bultoota adda duree,  waldaalee hojii gamtaa fi Yuuniyeenota Godinaalee Iluu Abbaa Boorii fi Buunnoo Beddeellee akkasumas qooda fudhatootaaf leenjii magaalaa Mattuutti laataa jira.

Leenjiin kunis akkaataa qonnaa bultoonni oomishaa isaanii baayinaafi qulqullinaan oomishuun gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyeessan ,bulchinsaa fi qabinsa waldaalee akkasumas qabinsa herrega waldaalee irratti kan xiyyeefate ta’uu, itti aanaan preezdaantii Baankii  Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Guutamaa Dibaabaa himaniiru.

Kana malees, baankichi humna faayinaansii waldaalee fi qonnaa bultootaa cimsuuf bara darbee qonnaa bultoota adda dureef Birrii miiliyona 204 liqaan kenneera.

Bulchaa Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachoo Tafarii qonnaa Bultoonni godinaalee lamaanii haala mijataa walfakkaataa qabu jechuun qonnaa bultoonis keessumattuu oomisha bunaa baldhaa jiru qulqulinaan oomishuun gabaaf dhiyeessuun hiyyummaa keessaa bahuuf dinagdee biyyaa utubuuf xiyyeefannoon hojjechuu qabu jedhaniiru.

Qonnaa bultoonis ta’e, waldaaleen carraa kana gargaaramuun bartee kanaan duraa dhiisuun hojii ammayyaa hojjechuun warraaqsa dinagdee Oromiyaa milkeessuuf hojjechuu akka qabu Bulchaa Itti aanaa Godina Buunnoo Beeddelee Obbo Girmaa Fiqaaduu himu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.