Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoota kilaastaraan misoomsaniif deeggarsi barbaachisu kan  taasifamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)-  Oomishaa fi oomishtummaa dabaluun fayyadamummaa qonnaan Bultootaa mirkaneessuuf qonnaan bultoota kilaastaraan misoomsaniif deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu Itti aanaa hoogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu himan.

Jilli hoggansa naannoo fi godinaa hirmaachise godina Shawaa Lixaa aanaalee Ejeree fi Ejersa Lafootti ooyiruu qonnaan bultoota xaafii kilaastraan misoomsanii daawwateera.

Godinichatti bara kana karoora lafa heektaara kuma  dhibba 6 fi kuma 8 misoomsuuf qabame keessaa lafti heektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 5 kilaastaraan Uwwifamuu  daawwannaa kana irratti ibsameera.

Qonnaan bultootni ooyiruun isaanii daawwatame yaada kennaniin kanaan dura hektaara tokkorraa hanga kuntaala 15 argachaa kan turan ta’uu fi  bara kana kilaastaraan misoomsuu isaaniitiin lafa heektaara tokko irraa hanga kuntaala 32 argachuuf kan abdatan ta’uu dubbataniiru.

Itti aanaan hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu daawwannicharratti haasaa taasisaniin, Oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf, Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa qonnaan bultoota kilaastaraan hojjataniif kan haala mijeessu ta’uu himaniiru.

Qonnaan bultoonni waldaan gurmaa’uun tiraaktera bitachuu akka qabanis dhaamuu isaanii OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.