Fana: At a Speed of Life!

Qoqqobbiin zayita boba’aa dabalataan Raashiyaarra kaa’ame rakkoolee biroo akka hordofsiisu Xiinxaltoonni akeekkachiisan

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa qoqqobbiin zayita boba’aa dabalataan Raashiyaarra kaa’e rakkoolee dabalaataa biroo akka hordofsiisu Xiinxaltoonni akeekkachiisaniiru.
Gareen ogeeyyii teessoo isaanii Beeljiyam Biraasalsi taasifatan, qoqqobbii zayiita boba’aa gamtichi dabalataan Raashiyaarra kaa’e, Raashiyaas ta’e biyyoota Awurooppaa rakkoo dabalataaf saaxila jedhaniiru.
Qaala’iinsi gatii biyyoota Awurooppaatti mudate sababa qoqqobbii kanaan akka dabalu himaniiru.
Kun ammoo biyyoota Awurooppaatti qaala’iinsa hammaataa akka hordofsiisu Itti Gaafataman Garee Qorattootaa Geentiraam Walfi ibsaniiru.
Kanaan walqabatees, sochii daldalaa Awurooppaa irratti miidhaa olaanaa akka hordofsiisu eeruun, haalichi dandeettii bittaa biyyoota dhabsiisa himaniiru.
Kunis, mootummoota hirpha boba’aa, hir’isaa gibiraa fi deeggarsa maallaqaa lammiileef taasisuun dhiibbaa idaa keessatti kuffisa jedhniiru.
Qoqqobbichi biyyoota miseensota gamtichaarra darbee Raashiyaarraatti miidhaa yeroo dheeraa hordofsiisa jedhaniiru.
Ogeeyyiin kunneen qoqqobbichi rakkoo biroo hordofsiisuun dura irra deebiin yaaduun furmaata kennuu danda’uu jedhu.
Gamtaan Awurooppaa waraana Yuukireenii fi Raashiyaan walqabatee yeroo 6ffaaf qoqqobbii Raashiyaarra kaa’uun kan yaadatamudha.
Biyyoonni miseensota gamtichaas boba’aa Raashiyaarraa bitan dhaabuuf baatiin ja’a akka kennameef RT’n gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.