Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 85 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru

Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 85 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa namoota 2926 hojjetameera.
 
Waliigalaan namoonni 1,257 Ityoophiyaatti vaayrasii koroonaatin qabamuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
Namoota qorannaa sa’aa 24tin vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e 85 keessaa 51 dhiira, 34 ammoo dubartoota.
 
Umriin isaaniis baatii 1 hanga waggaa 65 akka ta’an ministeerichi beeksiseera.
 
72 magaalaa Finfinnee, 4 naannoo Tigraay, 5 naannoo Oromiyaa,, 1 naannoo Amaaraa fi 3 ammoo naannoo Somaaletiiyi jedhameera.
 
Hundi isaanii lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 19 seenaa imala biyya alaa kan qaban, 18 tuttuqqii kan qaban, 48 ammoo seenaa imala alaas ta’e tuttuqqii qabaachuun isaanii ifatti kan hin beekamnedha.
 
Namni wallaansa addaa keessa ture 1 kaleessa lubbuun isaa kan darbe yoo ta’u, waliigalaan amma ammaatti Ityoophiyaatti namoonni 12 vaayrasichaan lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Kaleessa namoonni 8 dandamataniiru.
 
Waliigalaan namoonni 217 dandamachuu ministeerichi beeksiseera.
 
Amma ammaattis waiigalaan qorannaan laabraatoorii 112,377 hojjetameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.