Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa samuudaa qonna baranaatif ragaan direerraa walitti qabama jira

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC)- Qorannaa samuudaa qonna 2013f hojiin ragaa dirreerraa walitti qabuu guutuu biyyattitti eegalu Eejansiin Istaatiksii Giddugaleessa Ityoophiyaa beeksiseera.

Eejansichi waggaa waggaan baatii Fulbaana 1 hanga Caamsaa 30tti qorannoowwan sabsii oomishaa, itti fayyadama lafaa, beellada manaa fi dhimmota biroorratti qabiyyeewwan qonnaa gadi aanaa fi abbootii qabeenyaarra odeeffaannoo walitti qabuun iddoowwan filatamaniitti qorannoo ni gaggeessa.

Iddoowwan samuudaa lakka’uuf filataman 2,769 keessaa 55, 380 qabiyyeewwan qonnaa gadi aanaa irratti hojii odeeffannoo walitti qabuu akka raawwatu Eejansichi beeksiseera.

Qorannicharratti ogeessonni Istaastiksii 261, Supparvayzaroonni dirree 705 fi raga funantoonni 2450 ni hirmaatu jedhameera.

Qorannicha kara xuxuqqii waraqaarra bilisa ta’een teeknooloojin deeggaruun gaggeessuuf taableetonni ammayya’oon 3584 faayidaarra akka oolan eejansichi ifoomseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.