Fana: At a Speed of Life!

Qorichi mana manarra deemuun biiffamu hin jiru jedhame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti mana manarraa deemuun qorichi biiffamu kamuu kana hin jiraanne ta’uu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Mana jireenyaa namoota vaayrasii koroonaan qabamaniirra deemuun ogeeyyiin Inistiityuutii fayyaa hawaasaa qorichi biifaa jiraachuu ibsameera.

Haa ta’uutii qoricha ittisa vaayrasii koroonaa biifna jechuun yakki saamichaa raawwatamaa jiraachuu irra ga’ameera jedhame.

Qorichi kun kan biiffamu mana jireenyaa namoota vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e qofatti ta’uu hubachuun jiraattoonni of eeggannoo taasisuu akka qaban bulchiinsi magaalichaa hubachiiseera.

Kanaan ala qorichi biiffamu kamuu kan hin jiraanne ta’uu hubachuun yakka sababa kanaan raawwatamu saaxiluuf hawaasni ga’ee isaa ba’uu akka qabu dhaamamuu ragaan waajjira kaantibaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.