Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni biyyaalesaa kutaa 12ffaa 2013 karaa nagaan xumuramuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC)- Qormaanni biyyaalesaa kutaa 12ffaa 2013 karaa nagaan xumuramuu Tajaajilli Madaallii  Barnootaa beeksiseera.

Barattoota qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf galmaa’aan kuma dhibba 5 fi kuma 65 fi 255 keessaa barattoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 45 fi 381 qormaatichaa fudhaachuu Itti aanaan Daayrektaraa Ejansii qormaatilee obbo Tafarraa Fayyisaan ibsaniiru.

Barattootta qormaata fudhachuuf galma’aan keessaa % 96.5 qoramuu isaanii ibsaniiru.

Ityoophiyaan qormaataa keessaa teessee barattoota madaaluun danda’uun ishee waan akka bu’aatti ilaalamuudha jedhaniiru.

Hojiin qaamolee nageenyaa fi hawaasni qindoominaan hojjetan bu’aa argamsiisuu himaniiru.

Wayita qormaata rakkoolee qormaataa walirra waraabuun walqabatee tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuun danda’ameera jedhan.

Sochiin miidiyalee hawaasatiin taasifameen koree teekinikaan qulqulla’ee tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.