Fana: At a Speed of Life!

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf qophii gahaan taasifameera-BBO

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30 irraa eegalee kennamuuf qophii gahaan taasifamuu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon ibsan.

Barana Naannoo Oromiyaatti barattoonni kuma 393 fi 981 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan yoo ta’u, qormaatichis Yuunivarsiitiiwwanitti kan kennamu ta’uun walqabatee, hanga danda’ameen barattoonni naannichaa Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Oromiyaa keessatti argaman 14’n jiran kan naannawaa isaanitti dhiyootti akka ramadaman taasifamuu ibsaniiru.

Dabalataanis, geejjibni qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka qophaa’es himan.

Barattoonni rakkoo tokko malee qormaata isaanii fudhatanii nagaan gara maatii isaaniitti akka deebi’an qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun qophiin taasifamuu fi nyaata isaaniis Yuunivarsiitonni kan qopheessan ta’uun ibsameera.

Barattoonni qabxii gaarii akka galmeessisan hojiin barattoota qopheessuu akka hojjetame Dooktar Tolaan himu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30 hanga Onkoloolessa 2, 2015 barattoonni Saayinsii Hawaasaaf, Onkololeessa 8-11, 2015 baratoonni Saayinsii Umamaaf akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksisuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.