Fana: At a Speed of Life!

Qormaata kutaa 12ffaa barattoonni kumni 29 fi 909 dhibbeentaa 50  ol fidan- Ministeericha

Finfinnee, Amajjii 19, 2015(FBC)- Bara barnootaa 2014’tti barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa %50 ol kan fidan barattoota kuma 29fi 909 ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Bara barnootaa 2014’tti barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatan kuma dhibba 8fi kuma 96fi 520 keessaa barattoonni kumni 29fi 909 qofti %50 fiduu ministeerichi beeksiseera.

Ministeerichi bu’aa qormaata bara barnootaa 2014 irratti ibsa laateera.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsa laataniin, haalli kenniinsa qormaatichaaa kanneen kanaan durarraa adda ta’uufi hirmaannaa qaamolee dhimmi ilaallatuun milkaa’inaan xumuramuu yaadachiisaniiru.

Qormaatichi hanna tokko malee xumuramuufi bu’aan gadi lakkifames barattoota hataniifi haalaan qoraman kan adda baase ta’uu addeessaniiru.

Hangi barattoota qormaatichaaf galmaa’anii kuma dhibba 9fi kuma 85fi 384 yoo ta’u kanneen keessaa qormaaticha kan fudhataniifi bu’aan qormaatasaanii qabameef kuma dhibba 8fi kuma 96fi 520 ta’uu ibsaniiru.

Barattoonni qormaatichaaf galmaa’anii hin argamne kuma 77fi 98 yoo ta’an kumni 20fi 170 ammoo qormaaticharratti argamuun danbii garaagaraa waan cabsaniif akka hin qoramne taasifamuu eeraniiru.

Bu’aa qormaataa waliigalaa ba’een bu’aan giddugaleessaa sadarkaa biyyaalessaatti argame %29.5 ta’uu dubbataniiru.

Damee barnootaa saayinsii uumamaan 700 keessaa qabxii olaanaan 666 yoo ta’u, saayinsii hawaasaan qabxii olaanaan 600 keessaa 524 ta’uu ibsaniiru.

Barattoota qormaaticha fudhatan keessaa %50 kan fidan kuma 29fi 909 yoo ta’an kunis akka waliigalaatti yoo ilaalamu %3.3 ta’uu eeraniiru.

Bu’aan qormaataa argame kun sadarkaa sirni barnootaa keenya irratti argamudha jedhan Piroofeesar Birhaanuun.

Kanaaf itti gaafatamaan mootummaarraa eegalee hawaasa barnootaa hunda ta’uu kaasaniiru.

Bu’aa kanaafi sirna barnootaa waliigalaa biyyaalessaa  jijjiiruuf tarsiimoo haaraa qopheessuuf karoorfamuu beeksisaniiru.

Barattoonni %50 gadi fidan yuunivarsiitii kan hin seenne ta’uu fi dandeettii simachuu yuuniivarsiitiiwwanii ilaalcha keessa galchuun bu’uura qabxii isaaniin barattoota dabalataa simachuun haala waggaa itti aanutti yuuniivarsiitii seenuu isaan dandeessisu akka argataniif ni hojjetama jedhaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.