Fana: At a Speed of Life!

Qormaatileen adda addaa muudatus biyyattiin guddina diinagdee olaanaa galmeessaa jirti – Dooktar Yinnaagar Dassee

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Qormaatileen adda addaa muudatus biyyattiin guddina diinagdee olaanaa galmeessaa jiraachuu Bulchaan Baankii Biyyaalessa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaagar Dasseen ibsan.
Dooktar Yinnaagar Dasseen hojiilee dameewwan baankiin waggoottaan darban hojjetamanii fi jijjiirrama argamanirratti Pireezidaantoota Baankilee waliin mari’ataniiru.
Weerara Covid – 19 dabalatee rakkooleen uumamaa fi namtolchee, akkasumas waraanni Raashiyaa fi Yuukreen dhiibbaa idil addunyaa uumuu isaanii eerameera.
Guddinaa fi misooma damee baankilee fi misooma tajaajila Diijitaal Faayinaanshaaliirratti mariin taasiifameera.
Marii Hoteela Hiiltanitti gaggeeffame kanarratti Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dassee dabalatee Pireezidaantoonni Baankilee fi hoggantoonni olaanoon argamaniiru jedhame.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.