Fana: At a Speed of Life!

Qormaatileen heddummatanis barri 2014 bara milkiin hedduun itti galmaa’eedha – TKM

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Qormaatileen heddummatanis barri 2014 bara milkiin hedduun itti galmaa’e ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa raawwii bara hojii darbee fi karoora bara 2015 ilaalchisee ibsa laateera.
Bara 2014 keessa shira fi Weerara ABUT fi ergamtoota isaa fashaleessuun danda’amuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaan ibsa laataniin himaniiru.
Hojiilee Misoomaa damee hundaan bu’aa jajjabeessan argamuu eeraniiru.
Sagantaa Ashaaraa magariisaan hojiin raajii ta’e hojjetameera jedhan.
Qamadii Jallisii Boneen misoomsuun bu’aa dinqisiisaan argameera.
Bara 2014 keessaa dhiibbaa keessaa fi alaa hedduun qoramnus hojii murannoo fi kutannoon hojjetameen bu’aa hedduu galmeessineerra jedhan.
Bara 2015 keessas dameewwan hundaan hojii milkaa’ina qabu raawwachuuf karoorfamee gara hojiitti galamuu eeraniiru.
Bara 2015 wayita simannus sirnoota garaagaraan kabajuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Qaammee 1 -5, 2014tti hojiileen hojjetamanii fi moggaafni guyyoota shananii laatamuu himaniiru.
Haaluma kanaan Qaammeen 1, Guyyaa tola ooltummaa,
Qaammeen 2, Guyyaa Oomistummaa,
Qaammeen 3, Guyyaa Nangeenyaa,
Qaammeen 4, Guyyaa Tajaajiltummaa fi
Qaammeen 5, guyyaa Tokkummaa jedhamuun moggaafamuu Obbo Kabbadaan ibsa isaaniin himaniiru.
Guyyoota kanneen keessas akkaatuma moggaafama isaaniin hojiilee garaagaraa raawwachuuf qophiin xumuramuu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.