Fana: At a Speed of Life!

Qulqullina bunaa fooyyessuuf waliigalteen Yuuroo miiliyoona 2 mallatteeffame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015 (FBC)- Qulqullinaa fi gatii bunaa Ityoophiyaa fooyyessuuf pirojektii Yuuroo miiliyoona lamaaf waliigalteen mallatteeffame.

Waliigaltechis Ityoophiyaatti Embaasiin Xaaliyaanii Dhaabbata Misooma Indaastirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNIDO) waliin mallatteeffameera.

Pirojektichi Ityoophiyaatti saaxilamummaa balaa invastimantiiwwan damee bunaa hir’isuuf ta’uun eerameera.

Kunis buna Ityoophiyaa baay’inaan, qulqullinaa fi barbaadamummaa isaa guddisuu akka dandeessisu ibsamuu ragaan Ityoophiyaatti Embaasii Xaaliyaaniirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.