Fana: At a Speed of Life!

Raajiin ‘Raajii hojjete!’

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Dargaggoo Raajii Ashannaafii Yuunvarsittii Saayinsiifi teeknooloojii Adaamatti barnootaa isaan koorsiiwwan 60 fudhate hunda A+ (60+) galmeesisuun raajii hojjeteera.

Dargaggoo Raajiin Ashannaafii amma dargaggoo umurii 25 Godina Qellem Wallaggaa Gidaamiitti kan dhalatee guddate, mana barnoota bultii addaa Oromiyaarraa kutaa 10ffaatti gosa barnoota hundaan ‘A’ galmeesise.

Raajiin kaayyoo isaaf duubatti hinjennee. Qormaata seensa Yuunivarsitti qabxii 647 galmeessuun milkaa’ee, bara 2010 Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa kan seene.

Yuuniversiitii Saayinsiii fi Teekinooloojii Adaamarraa har’a Raajiin guyya tokkootti barnoota Fiiziksii fi Herreegaan qabxii olaanaan eebbifame.

Hayyuu qaxalee kanaaf Addunyaarraa Yuunvarsitootaa saayinsii fi teeknooloojii adda duree keessaa Ameerikaatti Yuunvarsitiin MIT jedhamu sagantaa barnoota PhD akka baratuuf afeereera jedhan Pirezidaantiin Yuunivarsitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaa Dooktar Lammii Guutaan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.