Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan hariiroo damee Diijitaalaayizeeshinii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015 (FBC) – Raashiyaan hariiroo damee Diijitaalaayizeeshinii,nageenyaa Intarneetii fi Ogummaa Diijitaalaa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuu kan barbaaddu ta’uu ibsite.

Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan, jila Itti aanaa Ministira misooma diijitaalaa,kominikeeshinii fi miidiyaalee Raashiyaa Maaksiim Paarshiniin durfamu waliin mari’ataniiru.

Raashiyaan ce’umsa diijitalaa Ityoophiyaan jalqabde akka deeggartu Dooktar Ballaxaan gaafataniiru.

Maaksiim Parshiin gama isaaniin, Raashiyaan hariiroo gama Diijitaalaayizeeshinii, Tajaajila Elektirooniksii, Ogummaa Diijitaalaa, Nageenya Intarneetii fi dameewwan biroon Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kan hojjettu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa fi Raashiyaan damee saayinsiin,Teeknooloojii fi Innooveeshiniirratti tumsaan hojjechaa jiraachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.