Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan talaallii COVID-19 torbee lama booda oomishuu ni eegalti jedhame

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) – Raashiyan talaallii vaayrasii koroonaa tibba kana argadheera jettee beeksifte torbee lama booda oomishuu akka eegaltu ministirri Ministeera Fayyaa Raashiyaa Meeykaal Muraashkoo beeksisaniiru.
Talaallichi osoo hawaasaaf hin laatamin dursa ogeessota fayyaaf akka laatamu beeksisaniiru.
 
Talaalliin ittisa vaayrasii koroonaa kun ogeessota fayyaaf erga laatamee booda hawaasaaf ni laatama jedhaniruu.
 
Raashiyaa oomishni talaallii marsaa jalqabaa tajaajila biyyaa keessaaf ni oola jeettus, dhaabbanni fandiin kallattii invastimantii biyyatti garuu talalliichi baldhinaan oomishamee addunyaaf haalaatti raabsamuurratti maarii taasisa jiraachuu beekameera.
 
Fayyummaa fi amanamummaa taalillichaaf gaaffii ka’eef hogganaan giddugala qorannoo Gaamliyaa Aleeksaaandar Giinsibaarg, talaallichi adeemsa sayinsawaa hunda keessa darbee hojjetamuu ibsaniiru.
 
Aleeksaaandaar Giinsibaarg, talaalliin ittisaa covid-19 daa’immanii fi namoota umriin isaanii deemeef kan laatamuu ta’u ibsuun, hamma fudhanna isaa irratti adda adda ta’uu waan danda’uuf qorannoon dabalata taasifama jiraachuu beeksasaniiru.
 
Preezdaantiin biyyatti Vlaadimeer Puutiin addunyaarratti talaallii vaayrasii koroonaa kan jalqabaa faayidaarra akka oolu murteessu beeksisuun isaanii ni yaadatama.
 
Haa ta’u malee Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhimma talaalicharratti anga’ootaa Raashiyaa waliin marii taasisaa jira jedhameera.
 
Dhaabbatichi talallii covid-19 kana madaaluufis biyyattirra ragaa quubsaa argachuu dubbataa jira.
 
Maddi: Aljaziira fi aa.com
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.