Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa lammileen nagaarraa miidhaa utuu hinqaqqabne eeggannoon tarkaanfii fudhachaa jira-Quluqlleessaa Ragaa Haala Yeroo

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa lammiilee nagaarra miidhaan utuu hingeenye ofeeggannoo olaanaan qiyyaafatee adda baasuun tarkaanfii fudhachaa jiraachuu Qulqulleessaan Ragaa Haala Yeroo beeksise.

Gareen shororkeessaa waraanaa marsaa 3ffaa banuu yaadachiisuun, haleellaa garechaa dhaabuuf mootummaan tarkaanfii ittisaa fudhachaa jiraachuu eereera.

Haleellaa kana ittisuuf bakkoota loltummaa garechaa adda baafamanii fi eeggannoo olaanaan qiyyaafachuun ergama ittisaa bahachaa jiraas jedheera.

Gareen shororkessichaa kanaan dura akkuma gochaa ture loltoonnii fi hoggantoonni isaa manneen amantaa, dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaa fi kenniinsa tajaajilaa hawaasummaa biroo fi naannawaa siviilonni jiraatan dhokachaa jiraachuu ibseera.

Dabalataanis gareen shororkeessichaa qabeenyaa dhaabbilee deeggarsaa biroo tajaajila geejibaa fi meeshaalee waraanaa kuufachuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibseera.

Raayyaan Ittisaas lammiilee nagaarra miidhaan utuu hingeenye eeggannoo olaanaan bakka waraanaa adda baasuun tarkaanfii akka fudhachaa jiru beeksiseera.

Tibbana Naannoo Tigiraay Addii Daa’irootti humni qilleensaa Ityoophiyaan bakkootaa meeshaaleen loltummaa fi dhukaatuuwwan kuufaman adda baasuun tarkaanfii fudhateera.

Garee shororkeessichaa tumsuuf diinota seenaan xiyyaarri ergame rukutamee erga kufee as naannoon qilleensaa Ityoophiyaa to’annoo fi eegumsaa Humna Qilleensaa Ityoophiyaa jalatti akka argamu himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.