Fana: At a Speed of Life!

Ragaa qulqulluun murtoo sirrii fi kenniinsa tajaajila fayyaa fooyya’aaf murteessadha -Dooktar Mangistuu Baqqalaa

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) –Ragaa qulqulluun murtoo sirrii fi kenniinsa tajaajila fayyaa fooyya’aaf murteessaa ta’uu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan ibsan.
Torbeen ragaa fayyaaa akka Oromiyaatti mata duree ” Hooggansa cimaa fi itti gaafatamummaa ce’uumsa sirna ragaa bu’uura godhate mirkaneessuuf”jedhuun kabajameera.
Saganticharratti Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan hasaawa taasisaniin,ragaan seektara fayyaatiif lubbuu ta’u eeruun,akka seektara fayyaatti ragaa ammayeessuu fi diijitaalessuurratti hojiileen heddu hojjetamu dubbataniiru.
Ragaan seektara fayyaa keessatti fooyya’aa dhufuun isaa karoora qabatamaa karoorsuu, raawwii hojii xiinxaluun murtoo ragaarratti hundaa’e kennuuf haalli mijataan uumamuun ibsamuu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.