Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo jijjiirama qabeenya qilleensaaf furmaata barbaaduun barbaachisaadha- Obbo Umar Huseen

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015(FBC)- Jijjiiramni qabeenya qilleensaa Afrikaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu waan ta’eef rakkichaaf furmaata barbaaduun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen ibsan.

Ministeerri Qonnaa sanadoota Muuxannoo Inshuraansii Qonnaa Waggoota 15fi Muuxannoo Inshuraansii Qonnaa Idil Addunyaarratti qaamolee dhimmamtootaa waliin mari’ate.

Obbo Umar Huseen waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Afrikaan rooba waqtii malee, balaa lolaafi hongeen miidhamuun ishee eeruun,kun ammoo haala ardichaa jijjiiruu ibsaniiru.

Jijjiiramni qabeenya qilleensaa Afrikaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’uu kaasuun, haala qabiinsa rakkichaarratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Kanaaf ammoo tarkaanfii si’ataan inshuraansii qonnaa ta’uu eeruu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.