Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa uumameen lammiilee qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’an, hojiin deebisanii dhaabuu rawwatamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 7, 2012 (FBC) –Naannoo Ooromiyaatti tibbana rakkoo nageenyaa uumameen lammiilee qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’an, hojiin deebisanii dhaabuu rawwatamaa jira.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii kan taasisaan Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachaw Baalchaa tasgabbii fi nageenyaa naannichaa eegsisuun yeroo ammaa kana mootummaan lammiilee buqqa’an gara jireenya isaanii duraanitti deebisuuf hojjechuudha jedhan.

Guyyoota darbanitti naannichatti tasgabbii uumameen lammiilee buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojiin deeggarsaa itti fufu kaasaniiru.

Hawaasni lammiilee kanneeniif deeggarsa isaan taasisaa jiran kan dinqisiifatamudha jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.