Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee boba’aa waliin walqabatan furuuf hojimaanni ni diriirfama jedhame

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Burjaajjii fi rakkoolee boba’aa waliin walqabatan furuuf hojimaanni ammayyaan ni diriirfama jedhame.
 
Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii, Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa, hoggansa daldalaa fi indaastirii fi albuudaa fi boba’aa naannoo fi magaalotaa waliin mari’ataniiru.
 
Marichaan dhiyeessii fi raabsaa boba’aarratti rakkoo mul’atu furuuf xiyyeeffatameera.
 
Hojimaatni ammayyaa’aa diriirfamu baajata olaanaa biyyattiin boba’aaf baastu sirnaan fayyadamuu dandeessisa jedhameera.
 
Bakka buufataaleen hin jirretti abbootii qabeenyaa hirmaachisuu, gabaa damichaa ammayyeessuu, konkolaattota boba’aa deddeebisan irratti teeknooloojii eertuu iddoo/GPS/ kaa’uun barbaachisaa ta’uun waltajjicharratti ibsameera.
 
Buufataaleen raabsaa boba’aa Ityoophiyaa keessa jiran 900 hin caalani.
 
Kanneen keessaa kan sirnaan tajaajila hin laannes jiraachun eerameera.
 
Magaalaa Finfinnee keessa buufataalee raabsaa boba’aa jiran 120 keessaa 106 qofatu hojii isaanii sirnaan hojjechaa jiru.
 
106n keessaammoo 55 beenzina qofa kan gurguranidha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.