Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee haaromsa hambaalee furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Rakkoolee haaromsa hambaaleen walqabatee jiru waaraan furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taaytaa Qorannoo fi Eeggumsa Hambaalee Ityoophiyaa beeksise.

Hambaalee sababoota garaagaraan miidhan irra ga’e qabiyyeen isaanii osoo hin jijjiirramin haaromsuuf hojjetamaa jiraachuu abbaa taaytichaatti daayreektarri eegumsaa fi kunuunsa hambaalee obbo Hayluu Zallaqaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Yeroo ammaas haaromsi Masaraa Abbaa Jifaarii fi dhagaa dhaabbii Xiyyaa xiyyeeffannoon gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Gama biraatin haaromsa Masaraa Faasiil eegaluuf qorannoon qophii duraa taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.

Akkasumas manneen amantii Laalibalaas waaraan haaromsuuf mootummaa Faransaay waliin hojjetamaa jiraachuu obbo Hayluun dubbataniiru.

Shumat Alamaayyootu gabaase

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.