Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee jiran furuun carraa hojii fooyya’aa uumuuf hojjetaa jirra – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) –Harka hojjetu hojiin walitti fidaa,sammuu kalaqu gara gochatti galchaa, rakkoolee jiran furuun carraa hojii fooyya’aa uumuuf hojjetaa jirra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Aadde Adaanach Abeebeen, Waltajjii sosochii Indaastirii oomishtootaa mata duree, ‘Itiyoophiyaan haa oomishtu, nutis haa binnu’ jedhuun qophaa’erratti argamuun Oomishtoota sadarkaa fooyya’aatti ce’en badhaasaniiru.

Harka hojjetu hojiin walitti fidaa,sammuu kalaqu gara gochatti galchaa, rakkoolee jiran furuun carraa hojii fooyya’aa uumuuf hojjetamaa jirachuu eeraniiru.

Uwwisa deeggarsaa jiru haqa qabeessaan keessummeessaa kan hafan tattaaffii waloon guutaa, dandeettii damee Indaastirii fooyyessaa, komii jiran waloon hiikaa damee Indaastirii dargaggootaaf carraa hojii gahaa uumuu ni ijaarra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.