Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon biyya keenyaa walxaxaa fi walitti hidhataadha – Koree Maakroo Diinagdee Biyyaalessaa

Finfinnee, Eebila 22, 2013 (FBC) – Rakkoon Ityoophiyaa walxaxaa fi Siyaasni diinagdee waliin, Dippiloomaasiin dhimmoota Hawaasummaa waliin walitti hidhamiinsa cimaa qabaachuu Koreen Maakroo Diinagdee Biyyaalessaa beeksiseera.
Koreen Maakroo Diinagdee Biyyaalessaa haala waqtaawaarratti ibsa laateera.
Rakkoon Ityoophiyaa walxaxaa fi Siyaasni diinagdee waliin, Dippiloomaasiin dhimmoota Hawaasummaa waliin walitti hidhamiinsa cimaa qabaachuu ibseera.
Ityoophiyaan baroota darban guddina itti fufaa galmeessitus guddinichi daandii sirriin kan hin dhufne waan ta’eef hanqinni qulqullinaa rakkoo olaanaa ta’ee turuu korichi ibseera.
Sababa kanaan oomishtummaan daraan gadi bu’aa fi lammiileen guddinicharraa fayyadamoo ta’uu hin dandeenye jedhame.
Hammi Giddinaa galmaa’e jedhamee ibsame sababa dhiibbaa Idaan itti fufu hin dandeenye.
Yeroo ammaa hanga tokko dhiibaa Idaa keessaa ba’uun mataa ol qabachaa jiraachuu eereera.
Diinagdeen sababa sharafa alaan dhaabbachuurra ga’ee ture yeroo ammaa socho’uu eegaluu korichi ibsa isaanii kaaseera.
Proojektoonni hedduun lubbuu horachuun gara xummurraa ga’aa jiru.
Proojektoonni gurguddoon kanneen akka Hidha Haaromsaa fi Warshaalee Sukkaaraa gufuu guddaan isaan qunnamee ture jijjiirrama as gamaaggama olaanaa taasiifameen yeroo ammaa saffisaan hojjetamuurratti kan argaman ta’uu himeera.
Hojii misooma qonnaa ammayyeesuu fi guddisuun diinagdee gama kanaan jiru cimsuunis galma ijoo keenya ture, rooba eeggachuun waggaatti oomishuun seektera kana jijjiiruun waan hin danda’amneef qabeenya bishaanii qabnutti sirnaan fayyadamuun jallisiin qamadii misoomsuun kan alaa galu biyya keessatti bakka buusuuf kutannoon hojjetameerra.
Karoorri keenyas galma ga’uu akka danda’u hojii amma eegalleen yeroo gabaabaa keessatti mirkaneessineerra.
Gama diinagdeen dhimmoota hudhaa ta’an hiikuuf tattaaffii taasifameen diinagdeen addunyaa hedduminaan zeeroo yemmuu ta’u diinagdeen biyya keenyaa garuu rakkoowwan turan dandamachuun guddina argamuu danda’u galmeesiseera.
Qormaatawwan nam tolchee fi uumamaan nu mudatan dadamannee, rakkoon qala’insa gabaa hawaasa keenya bal’aarra akka hin buusnee gochuuf guyyaa qormaatawwan kunneen mudatanii kaafnee murtoowwan barbaachisoo ta’an hunda fudhachaa turreeraa.
Yeroo ammaa biyyattiin diinoota biyya keessaa fi alaan dhiphattee jirtu hiikkachuuf tokkummaan dhaabbannee wal gargaaruu qabna jedha ibsi koricha.
Koreen Maakroo Diinagdee Biyyaalessaa kun rakkoo diinagdee furuuf tarkaanfiiwwan fudhannurratti uummanni akka waliin dhaabbatu waamicha dhiyeeseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.