Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon qaala’iinsa gatii nam tolchee fi shira diinagdeen kan xaxameedha – Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Jilli Koree Tasgabbii Gabaa Oromiyaa Aadde Caaltuu Saaniin durfamuu Hojiilee Tasgabbii Gabaa akka Magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiru daawwachaa jira.
Daballiin gatii seeraan alaan taasifamaa jiruu waraana diinaa biyyarratti banameen adda miti jedhan Itti Aantuun Preezdaantii fi Qindeessituun Kilaastara Magaaloota Oromiyaa Aadde Caaltuu saaniin.
Rakkoo fi gaaffilee qaala’iinsa gatii deebisuun dirqama Qaama biyya bulchuu ta’uu himaniiru.
Rakkoo uumame furuuf hojiiwwaan hedduun hojjetamuu jiraachuu kaasaniiru.
Koree tasgabbii gabaa hundeessuun qorannoo gaggeeffameen kuufamni oomishaalee qonnaa fi warshaalee hedduun jiraachuu bira ga’ameera jedhan aadde Caaltuun jedhan.
Rakkoon qaala’iinsa gatii nam tolcheefi shira diinagdeen xaxamee ta’uu kan himanii Aadde Caaltuun qaamolee seeraan alaan gatii dabalanii irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jiraachuu himaniiru.
Tarkaanfiin kuni cimee kan itti fufuu ta’uus eeraniiru.
Daawwannaa fi hojiin inispeekshinii tasgabbii gabaa Korichaan gaggeeffamaa jiruu magaaloota kaan keessattis kan itti fufu ta’a jedhame.
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.