Fana: At a Speed of Life!

Riifoormiin diinagdee biyya keessaa 2ffaan qophiirra ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Riifoormiin fooyyessa diinagdee biyya keessaa 2ffaan qophiirra jiraachuu ibsame.

Wayita hojiirra oolmaa riifoormii fooyyessa diinagdee biyya keessaa isa jalqabaa daeewwan qonnaa, albuudaa, tuurizimii, faayinaansii akkasumas dameewwan diinagdee garaagaraarratti guddinni mul’achuu eerameera.

Qaala’iinsi gatii, “Koovid 19”, walitti bu’iinsi biyyattiitti mudatee ture akkasumas waraanni Raashiyaafi Yuukireen akka rakkooleetti ka’aniiru.

Ministeerri Pilaanifi Misoomaafi Ministeerri Maallaqaa qophii riifoormichaarrati marii taasisaniiru.

Riifoormichi muuxannoowwan gaggaarii riifoormii jalqabaan argaman cimsuufi rakkoolee mul’atan haala furuun danda’amuun qophaa’uu Ministeerri Pilaaniifi Misoomaafi Ministeerri Maallaqaa marii riifoormicharratti taasisaniin addeessaniiru.

Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan, riifoormiin fooyyessa diinagdee biyya keessaa 2ffaan bara 2016-2018 waggoota sadiif hojiirra oolu kun karoora invastimantii mootummaan baase yaada keessa galchuu qaba jedhan.

Riifoormichi rakkoolee fiifoormii jalqabaarratti mul’atan haala furuu danda’uun akka qophaa’uuf Ministeerri Pilaaniifi Misoomaa Ministeera Maallaqaa waliin kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Riifoormichi maayikiroo faayinaansiifi qindoomina sektaraalee ilaalcha keessa galchuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Ministeerri Maallaqaa riifoormii fooyyessa diinagdee biyya keessaa 2ffaarratti ministeerota garaagaraa waliin mari’achaa kan jiru yoo ta’u, marichi riifoormii fooyyessa diinagdee jalqabaarratti bu’aalee argaman gamaaggamuu, rakkoolee mudatan adda baasuun dhimmoota gara fuulduraarratti xiyyeeffatamuu qaban irratti xiyyeeffachuu ragaan Ministeera Pilaaniifi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.