Fana: At a Speed of Life!

Riyaal Maadrid, Maanchiister Yuunaayitiidii fi Baarseloonaan kilaboota gatii qaalii addunyaa jedhaman

Finfinnee, Caamsaa 16, 2016 (FBC) – Riyaal Maadrid, Maanchiister Yuunaayitiidii fi Baarseloonaan kilaboota bara 2024 gatii qaalii addunyaa jedhamuun filatamaniiru.
Waggoottan saglan darban qofa yeroo shaniif Shaampiyoonaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa ta’uu kan danda’e Riyaal Maadriid gatii Doolaara biiliyoona 6.6 ol qabachuun kilaba qaalii addunyaa kanaa jedhamuun sadarkaa 1ffaa qabateera.
Akka Gaazexaan Biiznasii Ameerikaa Foorbis jedhamu ifoomseetti, Maanchiister Yuunaayiitiid gatii Doolaara biiliyoona 6.5 qabaachuun sadarkaa 2ffaa qabateera.
Maanchiister Yuunaayiitiifd bara taphaa kana sadarkaa 8ffaan xumurus Kilaboota Ingiliz keessaa kilaba gatii qaalii jedhamuun adda duree ta’eera.
Baarseloonaan gatii Doolaara biiliyoona 5.6tti tilmaamamuun kilaba qaalii addunyaa sadarkaa 3ffaa jedhameera.
Liivar Puul Doolaara biiliyoona 5.3, Maanchiister Siitiin Doolaara biiliyoona 5.1, Baayren Muunik Doolaara biiliyoona 5, PSG biiliyoona 4.4, Tootenhaam biiliyoona 4.2, Cheelsiin biiliyoona 3.1, Arsenaal biiliyoona 2.6tti tilmaamamuun sadarkaa 10ffaa jiru qabataniiru jedhame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.