Fana: At a Speed of Life!

Roobeertoo Maartiineez leenjisaa Garee Biyyaalessaa Poorchugaal ta’an

Finfinnee, Amajjii 1, 2015(FBC)- Leenjisaan duraanii garee Biyaalessaa Beeljiyam Roobeertoo Maartiineez leenjisaa Garee Biyyaalessaa Poorchugaal ta’an.

Leenjisaan lammii Ispeen leenjisaa taphaa Waancaa Addunyaarratti garecha dursaa kan turan Farnaandoo Saantoos bakka bu’uun Leenjisaa Garee Biyyaalessaa Poorchugaal ta’aniiru.

Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Poorchugaal Fernaandoo Goomeez ibsa miidiyaaleef kennaniin, Roobeertoo Maartiineez waamicha federeeshinichaarraa dhiyaateef gammachuun simachuu ibsaniiru.

Bu’uura waliigalteetiin leenjisaan umrii 49, bara Faranjootaa 2024’tti kan gaggeeffamu tapha Waancaa Awurooppaa fi Ameerikaa, Meeksiikoo fi Kanaadaatti kan qophaa’u tapha waancaa addunyaarratti garee biyyaalessaa Poorchugaal dursu jedhameera.

Leenjisaan Roobeertoo Maartiineez, tapha Waancaa Addunyaa Kuwaataaritti gaggeeffamerratti garee biyyaalessaa Beeljiyaamiin kan dursan yoo ta’u, Morokoon injifatamanii ramaddicha keessaa ala ta’uu hordofee leenjisichi garee biyyaalessaa biyyattiin adda ba’uu Mirror Sport gabaasa isaan yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.