Fana: At a Speed of Life!

Saafaariikoom Ityoophiyaan, tajaajilaa yaalii Dirree Dhawaatti eegaluufi

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Saafaariikoom Ityoophiyaan tajaajila yaalii Dirree Dhawaatti baatii dhufu akka eegalu beeksise.

Safaariikoom ibsa har’a kenneen baatii Adoolessaa gurgurtaa Siimkaardii dabalatee tajaajila neetiwoorkii garagaraa akka eegalu eereera.

Hanga baatii Ebla bara 2015’ttis magaalota 24 olitti tajaajilaa akka kennuu ibseera.

Dhaabbatichi guyyaa eeyyama argatee eegalee bu’uuraalee misoomaa neetiwoorkii irratti xiyyeeffachuun taaworiiwwan, neetiwoorkii tamsaasa biyyaalessaa fi kanneen biroo diriirsuurratti xiyyeeffachuun hojjechaa turuun eerameera.

Yeroo ammaas, tajaajila qulqullinaan kennuuf yaalii teeknooloojiiwwanii taasisaa jiraachuu ibseera.

Kubbaaniyyichi tajaajila neetwoorkii kennuuf meeshaalee tajaajila kennan Doolaara miiliyoona 300 bituun biyyaa keessa galchuu ibsa isaan eereera.

Ityoophiyaatti kubbaaniyyaa teelekoomii jalqabaa kan ta’e Saafaariikoom, tajaajila qulqullina qabu kennuuf qophii ta’uu beeksiseera.

Tigist Birhaaneetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.