Fana: At a Speed of Life!

Sababa daangaan rakkoo siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee Naannoo Tigraayii fi Amaaraatti muudate saffisaan akka furamu waliigalame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Koreen Biyyaalessaa gaaffii daangaa bulchiinsaa Tigraayiifi Amaaraa bu’uura heera mootummaan deebisuuf hundaa’e gamaggama hojii gaggeesseera.

Sababa gaaffii daangaan rakkoo siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee Naannolee lamaanitti muudate saffisaan furamuu akka qabu waliigalameera.

Akkaataa heera mootummaa furmaata waaraa kennuuf koreen sadarkaa biyyaalessaati hundaa’ee hojjetamaa turuu eerameera.

Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xirunehi,Daayrektarri jeneraalaa Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi Pireezidaantoonni naannolee lamaanii, akkasumas qaamoleen dhimmichi ilaallatu bakka argamanitti korichi raawwii hanga ammaatti jiru gamaaggameera.

Dhimmoota raawwatamanii fi raawwatamuu qaban gamaaggameera jedhame.

Sababa eenyummaa fi gaaffii daangaan rakkoo siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee naannolee lamaanitti muudate saffisaan furamuu akka qabu waliigalamuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.