Fana: At a Speed of Life!

Sababa weerara vaayrasii koroonaan himanni yakkoota dhimmoota diinagdeen walqabatan adda cituu himame

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Sababa weerara vaayrasii koroonaan himanni yakkoota dhimmoota diinagdeen walqabatan adda cituu isaa Abbaan Alangaa Waliigalaa beeksise.
 
Abbaan Alangichaa sababa weerara vaayrasichaan himannaa yakkoota dhaabbilee fi qaamoolee dhuunfaa dhimmoota diinagdeen walqabatanii adda kutuu isaa ifoomseera.
 
Dhiibbaa weerarichaan qaala’insi diinagdee cimaa ta’e qaqqabuu ibsameera.
 
Sababa kanaan kaffaltoonni gibiraa fi hawaasni daldalaa hedduun hojii isaanii dhaabuu himameera.
 
Mootummaan dhiibbaa diinagdee qaqqabe yaada keessa galchuun murteewwan garaagaraa dabarsuu Abbaan Alangaa Waliigalaa beeksiseera.
 
Haaluma kanaan mootummaan daldaltoota dhuunfaa fi dhaabbilee naga’ee malee gurgurtaa raawwatan, taaksii dhoksanii fi ragaa sobaa dhiyeessuun yakki isaaniii qorannoorra jiruu fi himanni irratti baname akka adda citu taasiifamuu ibsameera.
 
Abbaan Alangichaa haala qajeelfamaatiin galmeewwan himanni isaanii adda cite kan tarreessuu ta’uu beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.