Fana: At a Speed of Life!

Sabbataatti manneen daldalaa 14 fi qorichootaa 36 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Sabbataatti manneen daldalaa 14 fi qorichootaa 36 irratti tarkaanfiin fudhatame.

Bulchiinsa magaalaa Sabbataatti koreen tasgabbii gabaa sakattoo taasiseen manneen daldalaa 14 fi manneen qorichootaa 36 irratti tarkaanfii fudhate.

Magaalichatti manneen daldalaa fi qorichootaarratti tarkaanfiin kan fudhatame daballii gatii seeran alaa waan taasisaniifi.

Kanneen taarkaanfiin irratti fudhatame manneen daldala qullubbii, loomii fi feexoo irratti ta’uun himameera.

Magaalichattis koreen to’annoo fi tasgabbii hundaa’uun hordoffii barbaachisu taasisaa jiraachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Koominikeeshiinii Magaalaa Sabbataarraa argannee ni muul’idhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.