Fana: At a Speed of Life!

Sabbataatti proojaktoonni Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 63 olii ebbifaman

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Magaalaa Sabbataatti proojaktoonni Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 63 oliin ijaarraman ebbifaman.
 
Proojaktoonni misoomaa godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee magaalaa Sabbataatti ijaarramanii ebbifama kan gosoota addaddaa 76.
 
Ijaarsi isaaniis hirmaannaa ummataa, abbootii qabeenyaa fi mootummaatin kan hojjetamanidha.
 
Proojaktoonni kanneenis bakka sadarkaa itti aanaa preezidantii mootummaa naannoo Oromiyaatti, qindeessaan kilasstara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan argamanitti ebbifamaniiru.
 
Ijaarsichaan dareen dabalataa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Alamganaa, daandiin keessa keessaa koobilistoonii kiilo meetira 23, miidiyaanii kiilo meetira 5, siitii paarkii, bishaan dhugaatiin keessatti argamu.
 
Proojaktoonni haaraa 16, suphaa 18 fi buleeyyii 57 walumaa galatti proojaktoota 96 karoorfaman keessaa 76 xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
 
Proojaktoota yeroo dheeraaf lafarra harkifachaa turanii fi haaraa walumaa galatti 3,981 baasii Birrii biiliyoona 4.81 oliin hojjetamaa turan xumursiisuun tajaajilaaf akka oolan eebbifamaniiru.
 
Proojaktoonni kunneen baadiyyaa fi magaalaatti kan ijaarraman yoo ta’an, ummata miiliyoona 12.5 ol fayyadamoo kan taasisuu danda’anidha.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.