Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf qophii gahaan taasifameera-Dooktar Girmaa Amante

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf qophii gahaan taasifamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen dubbatan.

Qophii Sagantaa Ashara Magariisaa baranaa fi kallattii hojiilee fuulduraarratti waltajjiin marii koreen olaanaan gaggeeffameera.

Qindeessaan Korichaa Dooktar Girmaa Amanteen akka ibsanitti, bara 2015 Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa diinagdee qaban biiliyoona 7.5 dhaabamuu yaadachiisanii, kanneen keessaa biqiltuuwwan %90 latuu himan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaanis biqiltuuwwan biiliyooa 6.5 dhaabuuf karoorfamuu eeranii hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 7.2 qophaa’uu himaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti barana lafa hektaara miiliyoona 1.2’rra dhaabuuf qophiin taasifamuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dabalataan korichi, Godina Shawaa Bahaatti hojii qophii biqiltuu Ashaaraa magariisaa, hojii eegumsa biyyeefi bishaanii Bona hojjetame, sadarkaa dandamannaa biqiltuu ashaaraa magariisaa waggoota darban dhaabbamanii fi bakka dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa ‘Geo reference’ ta’e daawwachuun hojii jajjabeessaa fi fakkeenyummaa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.