Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan aartii hariiroo ummataa cimsuu Harariitti gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC)- Hariiroo ummataa fi ummataa cimsuuf kan kaayyeffate sagantaan argisiisa aartii Naannoo Harariitti gaggeeffameera.

Sagantichi kan qophaa’e hundeeffama waggaa 30ffaa Baandii Biiftuu Oromiyaa, sababeeffachuun yoo ta’u, saganticharratti hundeessitootaa fi miseensota baandichaaf beekamtii kennuurra darbee, tokkummaa fi obbolummaa sabaa fi sablammootaa daran cimsuuf kan tumsu ta’uu ibsameera.

Afyaa’iin Naannoo Hararii Obbo Muhiddiin Ahimad, sagantichaan inni tokko duudhaa isa kaanii akka beeku, akka kabaju, darbees, hariiroo ummatootaa akka cimsuuf kan gumachudha jechuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Qindeessan Kilaasta Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Anbdulhaakiim Muluu gama isaaniin sablammootaa Oromoo fi Hararii duudhaalee aadaa fi seenaa walfakkeessan hedduu akka qaban eeruun, waltajjichi duudhaalee kanneen cimuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.