Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Afxiraa gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Sagantaa jaalalaa, tokkummaa fi waliif yaaduu kan ta’e sirni Afxiraa magaalaa Finfinnee daandirratti gaggeeffame.
Sagantichi Baambisii hanga addabaabayii Meeksiikootti sirna hoo’aa ta’een gaggeeffameera.
Saganticharratti Preezdaantii Mana Maree Dhimmooat Islaamummaa Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Idiriis dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi hordoftoonni amantichaa argamaniiru.
Preezdaantichi gochaan har’a raawwate kana dura muul’atee kan hin beekne qophii addaa daraan nama gammachiisu ta’uu ibsaniiru.
Sagantichi akka milkaa’uu qaamolee gumaacha taasiisan hunda galateeffataniiru.
Sagantichi bara baraan itti fufiinsa akka qabaatu gaafataniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.