Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Al- ergee Avokaadoo Sanyii Filatamaa Godina Jimmaatti Jalqabsiifame

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) –Sagantaan Al- ergee Avokaadoo Sanyii Filatamaa Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti jalqabsiifameera.

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti Avokaadoo sanyii fooyya’aa ‘Hass’ jedhamu, Gabaa biyya alaatti erguuf bu’uruma dhaabbata ‘BMD import and Export” waliin taasifameen guyyaa har’aa gara alaatti erguun jalqabamu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa irra argame ni mul’isa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota gurguddoo qonnaa arfan qabatee hojjechaa jiru keessaa tokko omisha al ergii bay’inaafi qulqullinaan omishuufi erguu yoo ta’u, hojiin Inisheetiivii Oomisha Avokaadoo oomisha saffisaan bu’aa irraa egamuu argamsiisaa jiru keessaa isa tokko ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.