Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan akka Oromiyaatti godina Iluu Abbaa Booritti eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Jilli Pireezdaantii Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaa akka Oromiyaatti godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Yaayyoo Bosona Yaayyootti eegalchiisaniiru.

Dhaabbiin Ashaaraa magariisa marsa Arfaffaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti,godina illuu Abbaa Boor Aanaa Yaayyoo bosona Yaayyoo keessatti eegalame.

Sagantaa kanarratti Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu kunis mata duree” Ashaaraa keenya dhalootaf , dhalootaf haa hojjennu, Oromiyaaf haa dhabnu ” jedhun jalqabameera.

Naannoo Oromiyaatti, bara kana sagantaa Ashaaraa magariisa marsaa 4ffaan biqiltuun gosa garagaraa biiliyoona 4.3 dhaabuuf karoorfamee hojjetama jiraachuu eerameera.

Godina Iluu Abbaa Booritti biqiltuuwwan gosa garaagara miiliyoona 22 aanoolee godinicha hunda keessa guyyaa har’aa dhaabuuf Aanaa Yaayyoo Bosona Yaayyootti eegalamuu himameera.

Bara kana godinichatti biqiltuwwan gosa garaagara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 60 Dhaabbii karoorfamee keessaa biqiltuun miiliyoona dhibbi 2 fi miiliyoonni 65 buufataalee biqiltuwwan garaa garaa keessaatti qopha’uu Bulchan godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachoow Tafarii himaniiru.

Godinicha keessa bosonni uumamaa lafa hektaraa kuma 120 uwwisee kan argamu ta’uu kaasaniiru.

Bara kanas lafa hektaraa 75 irra biqiltuu dhawbuuf hojiin eegalamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Haascannaaqii Admaasuun himaniiru.

Akka Oromiyaatti Waggoottan sadan darban dhiibbaa jijijiramaa qabeenya qilleensa qolachuuf duula Ashaaraa magariisaan biqiltuun biiliyoonni 9 dhabbachuu eerameera.

Dargaggoota dargaggoota kuma 52 oliif carraan hojii uumamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquun himaniiru.

biqiltuwwan dhaabbatan kan irras dargaaggonni kuma 52 oliif carra hojii argamaniiru jedhan
bara kana biqiltuwwan gosa garaagara biliyoona 8 dhaabuuf karoorfamee keesaa hanga hammatti biqiltuwwan gosa garaagara biliyoona 4 olii Dhaabbiif qoph’eera jedhan

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.